Aduu Dhite OPDOn Waan Bari'ee see'a.

1. Ummaatni Oromoo gaafi isaa seerafi heera biyyittin ittiin buula jirtuun kanumma dhiheesseef yoo ta'u. Hubaachuu dhisuufi dantaa mootumma wayyaanneef jecha gaafi uumata fudhachuu dadhabee. Akka mootumma Federaalatis yoo fudhaane seera harkaa qabu kabajuu dadhaabuun gaafi uumaataf iddoo kennuu dhabuun carra jalqabaati gargaramuu hin dandeenye.
2. Ummaatni Oromoo gaafi isaa karaa seera qabeesseen mootumma irra deebi waan dhabeef fincilaa diddaa gaggeesse. Yeroo kanaatis, mootummaan naannoo Oromiyaa deebi hawaasichaaf kennu osoo qabu sodaa qabuuf jecha dhise mootummaan abbaa hiree tarkaanfi akka fudhaatu godhe. Mootummaan Itiyoophiyaa humna qabuun gargaramee lubbuu namoota hedduu ajjeesse, kan immoo waan hidheef Obboo Muktaar kadir mootummaa federaala galateeffate.
3.Uummatni Oromoo OPDO ta'ee waayyanne irra waan abdii dhabeef Fincilaa diddaa gara fincilaa xumura garbummaa gaggeessa jira.
Dhumarraatti, fincilli xumura garbummaa haala kanaan yoo itti fufee carraan OPDO fi waayyanneen qabu maal akka ta'u dhokataa miti. Haa ta'u malee uummatni Oromoo bilisumaa isaa akka gonfaatu abdii guutuun qaba. Kun immoo kan tahuu yoo hawaasni biyya keessafi Dhaabboonni Oromoof qabsaa'aan bifa tokkoon hiriraan yeroo gabaabati kan tahuudha.